Gabaa Ayyaanaaf oomishni gahaan qophaa’eera- BDO

Finfinneee, Hagayya 26, 2018 (FMC)- Ayyaanota Bara haaraa 2019 dhufaa jiraniif rakkoon dhiyeessii akka hin muudanneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhe Biiroon Daldalaa Oromiyaa.

Hogganaa Ittaanaan Biiroon Daldalaa Oromiyaa Obbo Tasfaayee Gashuu ibsa miidiyaaleef kennaniin, sababa ayyaanichaatiin hanqinni meeshaalee bu’uuraa fi loon qalmaaf oolaan akka hin mudanneef sadarkaa godinaalee fi magaalotaatti oomishaalee gahaa dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Dabalataanis, dhiyeessii meeshaalee caalmaatti guddisuuf gabaa Sanbataa 914 tti bifa egzibiishiniitiin dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.

Haaluma kanaan ,midhaan nyaataa kuntaala kuma 400 fi kuma 20 ol , kuduraa fi muduraa toonii kuma 300 fi kuma 59, zayita nyaataaf oolu liitira miiliyoona 2.2, akkasumas sukkaara kuntaala kuma 24 ol gabaaaf dhiyeessaa jiraachuu Obbo Tasfaayeen ibsaniiru.

Sababa faddaaltootaa fi gidduu seentotaatiin rakkoon hanqina dhiyeessii akka hin mudanneef to’annoo fi hordoffiin gabaa Sanbataa fi dhaabbilee daldalaa hundarratti xiyyeeffannoon kan taasifamu ta’uu ibsuu ragaan BKOni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment