Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC) – Gabaa Idil Addunyaatti gatiin Warqee fi Bunaa daballii waan agarsiisaniif carra kanatti fayyadamuu qabna jedhan Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.
Karoora biyyaalessaa 2018 irratti Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan ibsa taasisaniiru.
Haaluma kanaan bara faranjoota 2025 bunni Arabikaa kiiloogiraamni tokko gabaa Idil addunyaatti doolara Ameerikaa 8.7 yoo ta’uu bara 2026 gara Doolara 7 tti gadi bu’uus gatii fooyya’aa ta’ee itti fufaa jedhan.
oomishaafi oomishtummaa dabaluun akkasumas rakkoolee loojistiksiin wal qabatan furuun oomisha bunaa gabaa idil addunyaaf bal’inaan dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Gama biraan baatii Amajjii, Guraandhala fi Caamsaa keessa gatiin Warqee doolara kuma 3 fi 300 ol baasuu danda’uu himan.
Sochiin gabaa idil addunyaa daballii taarifaan walqabatee hir’achaa jiraachuu himuun, abbootiin qabeenyaa maallaqa isaanii Warqeerra wal oolchaniif Itiyoophiyaan oomishicha bal’inaan erguun carraa kanatti fayyadamuu qabdi jedhan.
Abeel Niwaayiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo