Finfinnee, Hagayya 17, 2017 (FMC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Gabaawwan naannawaa gara giddugaloota gabaa Sadarkaa isaanii eeggatanitti ceesisuuf ni hojjetama jedhe.
Ministeerichi Yaa’ii damichaa Mata Duree “daldala Saffiseen gara abdii qabatamaa biyyaalessaatti” jedhuu gaggeesseera.
Ministirri Ministeerichaa Dooktar Kaasaahuun Goofeen wayita kanatti, Naannawaa hundatti giddugaloota gabaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaruun oomishaa fi fayyadamaa kallattiin wal qunnamsisuun barbaachiisaadha jedhan.
Haaluma kanaan giddugaloota gabaa kanaaf yeroo gabaabaa keessatti hojiin dizaayinii qopheessuu kan xumuramu ta’uu ibsuun, adeemsicha keessatti hawaasni dammaqinaan akka hirmaatu gaafataniiru.
Giddugaloonni gabaa sadarkaa isaanii eeggatan hawaasaaf tajaajila kennaa jiru kan jedhan Dooktar Kaasahuun, Magaalaa Finfinnee, Oromiyaa fi Amaaraatti hojiileen eegalaman cimuu akka qaban kaasaniiru.
Naannooleen biroo fi bulchiinsi magaalootaa muuxannoo kana qooddachuu akka qaban dhaamaniiru.
Oomishaa fi fayyadamaa kallattiin walqunnamsiisuun qalaa’iinsa gatii tasgabbeessaa kan jiran gabaan Sanbataa gaheen qaban olaanaa ta’uu himuu isaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.