Finfinnee, Sadaasa 22, 2018 (FMC)- Gadi lakkiifamuu gaazii faalamaa konkolaattootarraa mudatu ittisuuf qajeelfamni dirqiisisaan dhiheenyatti hojiirra oolaa jedhan Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen.
Ministeerichi Istaandaardi Inistitiiyuutii Sadarkaalee waliin baaseen hammamataa gadi lakkifamuu gaazii faalamaa konkolaattootaarra madaniif daangaa kaa’eera.
Qajeelfamani kunis dhiheenya hojiitti kan galu ta’uu ibsaniiru.
Keessattuu konkolaattoonni moofaan hammamtaan gaazii faalamaa gadi lakkiisanii akka hir’atuuf teeknooloojii fayyadamuu akka qaban eeruun, kana yoo hin goone akka hin konkolaachiifne ni dhorkamuu jedhan.
Konkolaattoonni moofa’an gara elektirikiitti ykn immoo gara gaazii umamaatti jijjiiruu akka danda’aniif fillannoon jiraachuu kaasaniiru.
Mootummaan konkolaattoota boba’aa fayyadaman zeeroo taasisuu osoo hin taane, gaazii gadi lakkifamurratti daangaa gochuuf akka ta’e himaniiru.
Konkolaachiiftoota yookiin abbootii qabeenyaaf akka sirreessan yeroon kennameef xumuramuu ibsuun, qajeelfamichi gara hojiitti galuuf ta’uu eeraniiru.
Haaluma kanaan qaamooleen dhimmichi ilaallatu tarkaanfii akka fudhataniif xalayaan beeksifneerraa jedhan.
Masafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.