Galchiiwwan 173 lakkoofsisee kubbaawwan galchii ta’an 101 mijeessee waancaa tokko qofa kan milkeesse San Hiwuung Miin

Finfinnee, Caamsaa 14, 2017 (FMC) – Jifataan Tootenhaam lammiin Kooriyaa Kibbaa San Hiwuung Miin boqonnaa jireenya isaa kubbaa miilaa keessaa isa baay’ee jabaa ta’e milkeesseera.

Dargaggoon Umrii waggaa 32 San Hiwuungi Miin Tootenhaamitti makamee waggaa 10 boodaa eda halkan waancaa jabaa ta’e kilabicha waliin fudhateera.

Injifannicha booda yaada kenneen amma mataa ol-qabadhee deemuun danda’a jedhe.
]
Bara Faranjootaa 2015 Kilaba Kaaba Landan Tootenhaamitti kan makame San waggoottan kurnan darban yeroo gaarii kilabicha keessatti dabarsuus waancaa tokko illee hin milkeessine ture.

Turtii isaa waggoota 10niin taphoota 454 taphachuun galchiiwwan 173 lakkoofsisuun kubbaawwan galchii ta’an 101 mijeessuun waahillan isaaf kenneera.

Obsaan aannan goromsaa dhuga akkuma jedhamu dhamaatiin isaa har’a firii argamsiisuun isaaf kan jalqabaa, Tootenhaam ammoo waggaa 17 booda shaampiyoonaa Liigii Awurooppaa ta’eera.

Waancicha milkeessuu hordofee amma ani addunyaarratti nama daran gammadaadha jechuun dubbateera.

Halkan edaa Tootenhaam dhagaa tokkoon bu’aa jajjaboo lama milkeesse.

Dheebuu waancaa bara dheeraa baheera, hirmaannaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara itti aanuu milkeesseera.

Deeggartoonni kilabichaa injifannoo injifannoo caalu jechuun leellisaniiru.

#Oromia # Ethiopia

Comments (0)
Add Comment