Finfinnee, Amajjii 21, 2018 (FMC)- Baatii Amajjii dabalatee galiin Birrii biiliyoonni 700 fi biiliyoonni 60 walitti qabameera jedhe Ministeerri Galiiwwanii.
Ministeerichi gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan jahan darbanii Magaalaa Bishooftuutti gageessaa jira.
Ministirri Ministerichaa Aadde Ayinaalem Nugusee akka jedhanitti, biyyoota gitaa biroo waliin galii wal fakkaataa walitti qabuuf kan dandeessisu tarsimoon bocamuun hojitti galameera.
Riifoormii guddina waaraa fiduuf hojjetameen bu’aan argamuu kaasaniiru.
Bara baajatichaa baatiiwwan jahan darbanitti galii Birrii biiliyoona 600 fi Biiliyoona 40 walitti qabuuf karoorfamee galiin Birrii biiliyoona 700 fi biiliyoona 60 walitti qabuun danda’amuu ibsaniiru.
Baatiiwwan hafanitti cichoominaan hojjechuun barbaachisu ta’uu ibsuun, kaffaltoota gibiraa, qaamolee fichiiistootaa fi alergii akkasumas hojjettoota damee galii galateeffataniiru.
Daawwiit Gosaayeetu gabase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.