Finfinnee, Adoolessa 9, 2017 (FMC)- Galmeen filattootaa filannoo majiliisa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Adoolessa 13 xumurama.
Walitti qabaan Boordii raawwachiistuu filannoo mana marichaa Dooktar Abdulaaziiz Ibraahim akka jedhanitti, filannoo majiliisaaf galmeen filattootaa mata duree “ Filannoo Dhaabbata Cimaaf” jedhuun Waxabajjii 20, 2017 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Galmeen filattootaa Adoolessa 13, 2017 waan xumuramuuf hawaasni musliimaa hin galmoofne kaardii filannoo akka fudhatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hoggantoonni majiliisaa adeemsi filannoon duraa %98 raawwatamuu ibsuun, filannichi Hagayya 9-11, 2017 guutuu biyyaattiitti kan gaggeeffamu ta’uus ibsaniiru.
Uummanni musiliimaa hoggansa na hogganuu danda’a jedhu filachuuf dammaqinaan hirmaachuu akka qabus hubachiisaniiru.
Filannoon hoggantoota majiliisaa erga gaggeeffameen boodas filatamtoonni waggoottan shanan itti aananiif uummata musiliimaa kan hogganan ta’u.
Fatiyaa Abdallaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo