Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ture milkaa’inaan goolabame – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) – Gamaaggamni raawwii hojii paartiifi mootummaa hanga kurmaana 2ffaa gaggeeffamaa ture milkaa’inaan goolabameera jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Turtii keenyaan, raawwii ji’oota jahan darbanii ija karoora kurmaanotaatiin qofa osoo hintaane, muldhata akka waliigalaatti qabanne giddugaleeffachuun ilaallee jirra jechuun ibsan.

Hoggansi naannichaa, bu’uura irraa ka’ameen yemmuu madaalamu injifannoowwan gurguddaa galmeessisiisun isaa dhugaa hinhaalamnedha. Haata’u malee badhaadhina ummata keenyaa dhugoomsuuf daandii fagoorra waan jirruuf dagannaa tokko malee injifannoowwan dabalataaf kutannoon socho’uuf waliigalameera.

Bu’uuruma kanaan beekumsaa, naamusaa, akkasumas akkaataa injifannoofi rakkoo ittihubannu irratti jijjiirama olaanaa fiduun jalqabbiiwwan injifannoo keenya finiinsuuf walhubannaan umameera.

Keessumaa haala rakkoo ittihubannuun walqabatee, carraa hojii, qaala’iinsa jireenyaa, galii (qusannaa)fi baasii caasaa sadarkaan jiruu, ogummaafi dhaweessummaa, akkasumas kenniinsa tajaajilaa irratti ce’uumsa ilaalchaa fiduun dhimma murteessaa ta’uu hubatameera.

Gama birootiin, ittifayyadama humnoota raawwiitiin walqabatee, haala ittifayyadamaa humnaa (labor), lafaa, kaapitaalaa, teknoolojiifi dhaweessummaa maatii badhaadhinaa fooyyessuun oomishtummaa isaa dabaluun akka hojimanee ijootti fudhatameera.

Hanqinaaleefi ciminaalee muldhatan irraa ka’uun karoora keenya irra deebinee ilaaluu, milkaa’ina inisheetivoota keenya sakatta’uu, cimina mootummaa gandaa raawwii hojii misoomaa irratti bu’uuressuu, ogummaafi dhaweessummaa, nageenya waaraa mirkaneessuufi hojii filannoo, keessumaa gahee akka mootummaatti nurraa eegamu bahachuu irratti xiyyeeffannoon kan sochoonu ta’a.

Walumaagalatti hojiilee keenya mara gahee ijaarsa dinagdee ummata keenyaa keessatti qabaniin ilaaluun kan sochoonu taasisnu ta’a.

Dhumarrattis, hoggansi sadarkaan jiru marti raawwii isaa jijjiirama yerootiin osoo hin taane galmoota qabsoo ummataatiin madaalaa akka deemu asumaan cimsee hubachiisuun barbaada jedhan Pireezidaanti Shimallis ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment