Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018(FMC)- Gamaggamni raawwii hojii Kurmaana 1ffaa Paartiifi Mootummaa Naannoo Oromiyaa geggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa, gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2018 Paartiifi Mootummaa bakka hoggantoonni seektarootaa, Godinaalee, Magaalotaafi Aanaalee argamanitti guyyoota sadiif Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti qorachaa ture guyyaa har’aa kallattii hojii kennuun xumureera.
Gamaaggama kanaan ciminaaleefi hanqinoonni hojii mootummaafi paartii kurmaana kana keessatti mul’atan adda baafamuun bakka Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa argamanitti kallattiin gara fulduraa kaa’amuun xumuramuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.