Finfinnee, Onkololeessa 5, 2018(FMC) – Ministirri Muummee duraanii fi gameessi Siyaasaa Keeniyaa Raayilaa Odiingaan addunyaan kanarraa du’aan boqote.
Dhibee onnee isa muudateen Hinditti yaalamaa turuun umrii waggaa 80ffaa isaatti har’a ganama addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
Filannoo Pirezidaantummaa Keeniyaa keessattis yeroo 5’f hirmaachuun morkataa cimaa kan turee fi siyaasa Keeniyaa keessatti ashaaraa olaanaa kan qabu Odiingaan, bara kana Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa ta’uuf hanga marsaa xumuraatti dorgomuun isaa ni yaadatama.
Odiingaan Hindii Magaalaa Koochiitti yaalarra turuu Routers Gaazexaa Hindii ‘Mathrubhumi’ jedhamu wabeeffachuun gabaaseera.
Raayilaa Odiingaan Uhuuruu Keeniyaataa fi Wiiliyaam Ruutoo waliin dorgomaa cimaa nama tureedha.
Bara Faranjootaa 2008 hanga 2013tti Ministira Muumee Keeniyaa ta’uun tajaajileera.
Yeroo garaagaraattis Ministira dhaabbilee adda addaa ta’uun tajaajilaniiru.
Hundeessaa fi hogganaa Paartii Siyaasaa ‘ODM’ jedhamuu turan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.