Gamtaan Afrikaa fi Yuunaayitiid Kiingidam tumsa tarsiimawaa qaban cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf Ministira Dhimma Alaa fi Dhimmoota Misoomaa Yuunaayitiid Kiingidam Yiveet Kuupar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin tumsa gamtichaa fi Yuunaayitiid Kiingidam caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf wayituma kana, Yuunaayitiid Kiingidam hariiroo bara dheeraa biyyoota Afrikaa waliin qabduu fi dippiloomaasii idil adduunyaa keessatti gahe qabdu dinqisiifataniiru.

Keessattuu biyyoota miseensa gamtaa Afrikaa ta’an waliin hariiroo damee fayyaa, barnootaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa, daldalaa fi biroof xiyyeeffannoo kennituuf galateeffataniiru.

Ministirittiin gama isheen, dippiloomaasii idil addunyaa, akkasuma misooma naannawaarratti hoggansa gamtichi kennu dinqisiifataniiru.

Qaamoleen lamaan waltajjii tarsiimawaa olaanaa Landanitti waloon gaggeessuuf waliigaluu gamtichi beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment