Gamtaan Awurooppaa deggersa fooyya’iinsa dinagdee Itiyoophiyaaf kennu cimsee itti fufa- Uloof Iskuugii

Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Gamtaan Awurooppaa deggersa fooyya’iinsa dinagdee Itiyoophiyaaf kennu cimsee itti fufa jedhan itti aanaan Barreessaa Olaanaa Dhimmoota Siyaasaa Tajaajila Dhimma Alaa Gamtichaa Uloof Iskuugii.

Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos Uloof Iskuugii waajjira isaaniitti simatanii mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon, Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni miseensotni isaanii tumsitoota Itiyoophiyaa amanamoo ta’uu isaanii ibsanii, hariiroon isaaniis tumsa murteessaa dudhaalee fi abdiiwwan waloo irratti hundaa’e ta’uu kaasaniiru.

Tokkummaa naannawichaaf tattaaffii Itiyoophiyaa kan ibsan Dooktar Geediyoon, sochiin kun inniisheetiivii Gamtichaa ‘Global Getway 2027’ waliin akka walsimus ibsaniiru.

Itiyoophiyaan naannwichatti tokkummaa dinagdee uumuuf kutannoo akka qabdus mirkaneessaniiru.

Carraa inveestimeentii miijataa fooyya’iinsi dinagdee gooroo hojiirra oolaa jiru uumeen dhaabbileen daldalaa Itiyoophiyaa inveestimeentii Itiyoophiyaa irratti caalmaatti akka hirmaatan gaafataniiru.

Uloof Iskuugii gama isaaniin, michummaa tarsiimawaan Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa gidduu jiru cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

Gamtaan Awurooppaa deggersa fooyya’iinsa dinagdee Itiyoophiyaaf kennu cimsee akka itti fufu ibsanii, Itiyoophiyaan Cop32 akka keessummeessituuf filatamuun ishee akka isaan gammachiise dubbataniiru.

Gamtichi sochiiwwan misoomaa Itiyoophiyaan geggeessaa jirtuu fi karoorawwan misoomaa gara fuula duraatti qabdu tumsuuf qophaa’ummaa qabaachuu isaaniis itti aanaan barreessaa olaanaa kun ibsaniiru.

Mareen kun dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannawichaa irrattis kan xiyyeeffate ta’uu fi qaamoleen lamaan dhimmoota bu’aa waloo irratti xiyyeeffatan irratti waliin hojjechuuf walii galuu isaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment