Gamtaan Awurooppaa qoqqoobbii diinagdee Sooriyaarra kaa’ee ture kaasuuf waliigale

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017 (FMC ) – Pireezidaantiin duraanii Sooriyaa Bashir Al Alaasaad aangorraa ka’uu hordofee Gamtaan Awurooppaa qoqqoobbii diinagdee Sooriyaarra kaa’ee ture kaasuuf waliigaluu gabaafameera.

Waliigalteen ambaasaaddaroota biyyoota miseensa gamtichaa 27’n ragga’e kun Ministiroota Dhimma Alaa gamtichaan ragga’uun ni ifoomaan eegama.

Murtoon kun Faayinaansii biyyattii kan tasgabbeessuu fi deebisanii ijaaruuf gahee olaanaa qabaachuutu himame.

Gamtichi Bara Faranjootaa 2012 fi 2013 Baankii, Geejjibaa fi dameewwan Inarjii Sooriyaarra qoqqoobbii kaa’uun kan yaadatamuudhan.

Waliigalteen haaraan kun qoqqoobbii kanneen kaasutu ibsame.

Ministirri Alaa Sooriyaa Asaad Al Shaayibaaniin murticha gammachuun kan fudhatan ta’uu ibsuu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment