Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Ganna kana lammilee miiliyoona 4.1 oliif deeggarsi namoomaa taasifamuu Komishiinii Hooggansa Sodaa Balaa beeksise.
Komishiinarri Koomishinichaa Ambaasaaddar Shifarraa Takilamaariyaam bakkoota garaagaraatti lammilee deeggarsi namoomaa barbaachisuuf deeggarsa taasisuun itti fufnisaan hojjetamaa jira jedhan.
Lammilee miliyoona 4.1 oliif deeggarsi namoomaa dhiyaachuu kan himanii, fuulduraattis hojii deeggarsa namoomaa dhiheessuu kan itti fufu taβuu eeraniiru.
Mootummaan Federaalaa, naannolee fi hawaasni lammilee haala rakkisaa keessa jiraniif deggarsa taasisuu kan itti fufan taβuus mirkaneessaniiru.
Lammileen qabeenya naannawaa isaanii jiru fayyadamuun hirkattummaa deeggarsaa jalaa bahuuf cimanii hojjechuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa buβaa
Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.