Finfinnee, Waxabajjii 23, 2017 (FMC) – Yuunivarsiitiin Salaalee gara ofiin of bulchuutti ce’uuf maddoota galii keessoo babal’isuurratti hojjechaan jira jedhe.
Humnaa fi leeccalloowwan jiranitti fayyadamuun maddoota galii keessoo ofii guddisuun Yuunivarsiitiwwan dhaloota 4ffaa jedhaman keessaa Yuunivarsiitii dursee of danda’e akka ta’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Salaalee Dooktar Fayyeeraa Dhinsaan.
Hojiin maddoota galii keessoo babal’isuu kun Mooraa fi mooraan alatti hojjetamaa akka jiru eeran.
Yuunivarsiitichi oomisha aannanii, gabbisa loonii, Horsiisa Kanniisaa, kuduraalee fi mudalaaree, akkasumas Misooma Qamadii qorannoo fi qo’annoo bu’uura godhatan qonna ammayyaa hojiitti hiikuun galii keessoo guddisuuf hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Karoora Mootummaan Yuunivarsiitiiwwan akka of danda’an baase bu’uura godhachuun Yuunivarsiitiin Salaalees galii keessoo maddisiifatee dhaabbata cimaa fi beekamtii olaanaa goonfate akka ta’uuf karoorfannee hojiitti seennerra jechuun ibsan Dooktar Fayyeeraan.
Adeemsa baruu fi barsiisuu, tajaajila hawaasaa, qorannoo fi qo’annoon Yuunivarsiitii dhaloota 4ffaa jedhaman keessaa adda duree taasisuuf hojjechaa jirra jedhan.
Yuunivarsiitiin Salaalee erga hundaa’ee waggoota 10 ta’us hojiilee jajjaboo hawaasa naannawaa fayyadamuu taasisan hojjechuurratti argama.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.