Finfinnee, Sadaasa 9, 2018 (FMC) – Tapha gulaallii Waancaa Biyyoota Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaan har’a Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii gita isaa Sudaan Kibbaa waliin morkiin taasisaan ni eegama.
Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa Umrii waggaa 17 gadii (Jeedaloonni Diimtuun) Sambata darbe gita isaanii Ruwaandaa galchii 2fi 0’n injifachuun kan yaadatamuudha.
Falmiin har’a waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taasisan ni eegama.
Itiyoophiyaan Ramaddii ‘A’ jalatti biyyoota akka; Soomaaliyaa, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa Waliin ramadamteetti.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.