Gareen hidhattootaa Kurduu qabsoo filannoo karaa nagaa fudhate

Finfinnee, Caamsaa 4, 2017 (FMC)- Qabsoo hidhannoo waggoota 40 booda gareen hidhattootaa Kurduu (PKK) gara qabsoo karaa nagaatti deebi’uuf murteessuu beeksise.

Garichi murtoo kana kan dabarse kongiransii akka bara faranjootaa Caamsaa 5-7, 2025 gaggeesseeni.

Qabasoon hidhannoo waggoota 40’f gaggeesse uummata Kuurdistaan rakkoo hamaaf saaxiluu kan ibse garichi, gaaffii Kurdi qabsoo siyaasaa karaa nagaan furuun filannoo barbaachisaa akka ta’e ibseera.

Garichi akkaataa murtoo Kongiransii 12ffaan dabarseen caasaaleen loltummaa garichaa kan diigaman ta’uufi kanaan booda duulli loltummaa maqaa isaan gaggeeffamu akka hin jirre eereera.

Dubbi himaan Paartii AK Turkii Oomaar Cheeliik gamasaaniin, garichi filannoo karaa nagaa fudhachuun tattaaffii Turki yaaddoo jeequmsaarraa bilisa taate ijaaruuf taasifamuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru.

Garichi murtoo dabarse hojiirra yoo oolche akkasumas dameewwan isaa hundaafi caasaalee isaa seera- maleessa ta’an yoo diige Turki garicha waliin marii taasisuu akka eegaltu mirkaneessuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

Miikiyaas Ayyalaan.

Comments (0)
Add Comment