Gareen Itiyoo Injiinaringi ce’umsa tekinooloojii cimsuun sharafa alaa hambisaa jira

Finfinnee, Sadaasa 1, 2018 (FMC) – Gareen Itiyoo Injiinaringi tekinooloojiiwwan ammayyaa kan biyya keessaan bakka buusuun sharafa alaa baraaraa akka jiru Hoji raawwachiisaan garichaa Daani’eel Olaanii himan.

Obbo Daani’eel Faanaa Dijiitaalitti akka himanitti, oomishaalee sharafa alaan galan biyya keessatti oomishuun bu’aa jajjabeessaa fidaa jira.

Garichi tiraakteroota, maashinootaa fi meeshaalee jiijjiirraa konkolaattotaa, tiraansifoormarii, poolii daandii irraa misooma koriidarii fi meeshaalee biroo qulqullinaan oomishaa jira jedhan.

Keessumaa meeshaalee qonnaa misooma qonnaa guddisan oomishuu fi suphuun qonnaan bultootaaf raabsaa akka jirus dubbatan.

Meeshaalee tiraakteratti hidhaman kan akka maarshaa, dhadhooftuu fi rukuttuu akkasumas paampota bishaan harkisan baay’inaan oomishuun akka raabsus eeraniiru.

Kanaanis sharfa alaa hedduu hambisuu bira darbee tekinooloojiiwwan haaraa waliin ga’uu danda’uu isaati kan ibsan.

Tekinooloojii maddisiisuu, oomishaa fi oomishtummaa fooyyessuu fi dargaggootaaf carraa hojii uumuun ga’ee guddaa ba’achaa akka jirus eeraniiru.

Garichi fuulduraaf oomishaalee bakka bu’oo oomishuu fi ce’umsa tekinooloojii ariifachiisuun ergama guddaa qabatee kutannoon akka hojjetus ibsaniiru.

Garee Itiyoo Injiinaringi jalatti dhaabbileen oomishaalee tarsiimawoo adda addaa oomishan torba akka jiranis obbo Daani’eel Olaanii dubbataniiru.

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment