Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii waancaa Afrikaaf darbuu hordofee obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2018 (FMC)- Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii waancaa Afrikaaf darbuu hordofee Ministirri Muummee Itti aanaan obbo Tamasgeen Xurunaan ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii Keeniyaa 3fi 0 injifachuun waggoota 22 booda waancaa Afrikaaf waan darbeef baga gammanne jedhan.

Damee Ispoortiin guddattoota irratti ciminaan yoo hojjenne yeroon Kubbaan Miilaa keenya waltajjiiwwan ardiifi idil-addunyaa irratti ol ka’ee mul’atu fagoo akka hin taane milkaa’inni kun agarsiistuudha jechuun ibsan.

Qaamolee bu’aan kun akka argamuuf gaheesaanii bahatanis galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment