Gareen Kubbaa Miillaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Waggaa 10 booda waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti ni beekama- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 7, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad waggaa 10 booda Itiyoophiyaan Garee Kubbaa Miillaa Biyyaalessaa waltajjiiwwan kubbaa miillaa idil-addunyaarratti beekamtii qabu ni qabaatti jedhan.

Kitaabni ‘Mootummaa Ida’amuu’ Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin barraa’e guyyaa kaleessaa eebbifameera.

Dooktar Abiy Ahimad wayita kana akka jedhanitti, hojiileen garee kubbaa miillaa biyyattii waltajjiiwwan ardiifi idil-addunyaarratti bu’aa qabeessa isa taasisan hojjetamaa jiru.

Waggoota lamaa fi sadii keessatti garee biyyaalessaa cimaa ijaaruun ulfaataa ta’us waggaa 10 booda waltajjiiwwan Afrikaafi idil-addunyaarratti garee kubbaa miillaa beekamaa ta’e dhugoomsuuf mootummaan kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Kun hawwiin osoo hin taane hojiin kan ife ta’uu kaasanii, akka fakkeenyaatti magaalaa Finfinneetti isteediyeemiiwwan sadarkaa giddugaleessaa 100 ol ijaaramuu eeraniiru.

Hojiileen kunneen guddina kubbaa miillaaf murteessaa ta’uu kan dubbatan Dooktar Abiy Ahimad, kana osoo hin hojjetiin foddaa televizhiinii ilaaluun gaabbuun qofti wanta jijjiiru akka hin qabne hubachiisaniiru.

Hojiin har’aa egereef bu’uura ta’uu fi mootummaanis kana bu’uura godhachuun hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Abeel Niwaayiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment