Finfinnee, Amajjii 15, 2018 (FMC) – Ga’umsi imala magaalummaa Itiyoophiyaa cimaa ta’uu argaa jirra jedhan Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen.
Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaaseen tibbana magaalaa Gondaritti masaraa mootummaa Goondar dabalatee iddoowwan seena qabeeyyiifi hojiilee misoomaa daawwataniiru.
Pirezidaanti Taayyeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, imalli magaalummaa Itiyoophiyaa mul’achaa jira jedhan.
Imalli kun cimaa ta’uu karoora, gochaafi ga’umsa isaa itti aanu argaa jirra jechuun ibsaniiru.
Magaalonni hambaaleefi qabeenya isaanii ammayyummaa waliin yoo wal simsan giddugala beekumsaa, hojiifi nageenyaa ta’us jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.