Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Geejjibni Galaanarraa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa konkolaattota fe’umsaa 100 hojii eegalchiiseera.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abdulbar Shamsuun wayita kana, konkolaattota fe’umsaa kaneenitti Birriin biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 62 fi kumni 500 fi kumni 86 baasii ta’uu ibsaniiru.
Kanaan dura dhaabbatichi konkolaattota 556’n dandeettii toonii kuma 26 fi 154 fe’uu akka qabu eeruun, konkolaattonni haaraan kunneen gara hojiitti seenuun dandeettii isaa akka cimsan dubbataniiru.
Dandeettii fe’umsaa isaas gara toonii kuma 30 fi 654’tti kan guddisan ta’uu eeraniiru.
Saganticharratti kan argaman Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Garee Invastimantii Hooldiingii Itiyoophiyaa Dooktar Biruuk Taayyeen gama isaaniin, guddachuun dandeettii Geejjiba Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa turtii buufataafi baasii ‘Jiimareejii’ hir’isuu keessatti qooda olaanaa bahata jedhan.
Itti quufiinsa maamiltootaa guddisuurra darbee loojistiksii biyyaalessaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Siisaay Haddushtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.