Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa galii Birrii biiliyoona 74.4 argate

Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa baatiiwwan jahan darbanitti galii Birrii biiliyoona 74.4’n argadhe jedhe.

Dhaabbatichi ulaagaalee qulqullinaa guutuun sartafikeetii beekamtii mirkaneessa qulqullinaa idil-addunyaa ISO 9001:2015 argateera.

Hojii Raawwachiisaan Dhaabbatichaa Injinar Abdulbar Shamsuu wayita kana tajaajila ammayyaafi teeknooloojiin deeggarame kennuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Sartafikeetiin kun tajaajiloota fe’umsa daddabarsuu, terminaala buufataafi dameewwan biroo irratti hojjetaman cimsuuf dandeettii dabalataa akka uumu dubbataniiru.

Bu’uura ulaagaalee dhaabbanni sadarkaaleefi madaallii idil-addunyaa kaa’uun dorgomtummaa isaa akka cimsuuf kan dandeessisu ta’uus dubbataniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti dameewwan garaagaraan raawwii fooyya’aan galmaa’uu kaasanii, kanaaf ammoo hojimaanni dhaabbatichi ammayyeesse qooda olaanaa bahachuu eeraniiru.

Baatiiwwan jahan darbanitti hojiilee dameewwan garaagaraan hojjetamaniin galii Birrii biiliyoona 74.4 argachuus ibsaniiru.

Daayrektarri Olaantuun Dhaabbata Mijaa’ummaa Itiyoophiyaa Injinar Ma’aazaa Abarraa gamasaaniin, hojimaanni Geejjibni Galaanarraafi Loojistiksii Itiyoophiyaa diriirse ulaagaa idil-addunyaa kan guutee fi itti quufiinsa maamiltootaa kan guddisu ta’uu Oodiitiin mirkanaa’uu fi beekamtiin ISO kennamuufii ibsaniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment