Giddugalichi humna koomaandoo amansiisaa leenjisuun gahoomsaa jira- L/J Shuumaa Abdataa

Finfinnee, Onkoloolessa 7, 2018(FMC)- Giddugalli Leenjii Ajaja Duultota Addaa humna koomaandoo amansiisaa leenjisuun gahoomsaa jira jedhan Ajajaan Ajajichaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan.

Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataan Giddugala Leenjii Ajaja Duultota Addaa Bilaatteetti argamuun leenjii loltummaa bu’uuraa marsaa 4ffaa eegalchiisuun leenjitoota koomaandoo marsaa 44ffaa daawwataniiru.

Giddugalli leenjii kun giddugala naamuusaafi cichoomina gonfatee fi loltuu Itiyoophiyaa jaalala biyyaalessaa qabu itti ijaaramu ta’uu ibsaniiru.

Leenjifamtoonni muuxannoo bara dheeraa leenjistootaa qooddachuun loltuu cimaa, naamuusaafi jaalala biyyaa gonfate ta’uuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Koomaandoon amanamummaan ofiisaa dabarsee kennuun biyya isaaf seenaa boonsaa kan hojjetu ta’uus ibsuu isaanii Qopheessaa Olaanaan Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa Letenaal Koloneel Wubisheet Chakkol Faanaa Dijiitaaliitti himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment