Giddugalichi leenjitoota ogummaa garaagaraan leenjisaa ture eebbisiise

Finfinnee, Guraandhala 21, 2018 (FMC) – Giddugalli Haaromsaa fi Misooma Ogummaa Dubartootaa ‘Lanageewaa’ leenjitoota marsaa 4ffaa dameewwan ogummaa garaagaraan leenjisaa ture 909 eebbisiiseera.

Leenjitoonni kunneen dameewwan ogummaa, huccuu, suphaa ujummoo bishaanii, horsiisa lukkuu, kunuunsa daa’immaniifi maanguddootaa, qophii nyaataa fi kanneen biroorratti leenji’uun eerameera.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen wayita kana leenjitoonni fedhii isaaniirratti hundaa’uun leenji’uu kaasanii, leenjifamtoonni hundi carraa hojii argachuu ibsaniiru.

Qaamolee leenjitoonni leenjicha akka fudhatan deeggaran hundas galateeffataniiru.

Daayrektarri Olaanaan Giddugalichaa Dooktar Hirphasaa Caalaan gama isaaniin, leenjitoonni kutaalee magalichaa hundarraa walitti kan babba’an ta’uu fi madaallii gahumsa ogummaa dhaabbatichaa fudhachuun eebbaaf gahuu dubbataniiru.

Giddugalichatti hanga ammaatti leenjifamtoonni kumni 2 fi 401 leenji’uu yaadachiisaniiru.

Yeshaambal Mihiratitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment