Giddugalli gabaa hundagaleessi Laaftoo eebbisiifame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Giddugalli gabaa hundagaleessi Laaftoo Lakkoofsi 2 eebbisiifameera.

Giddugalli gabaa kun lafa heektaara 8.8 irratti kan ijaarame yoo ta’u, kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeefi Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen eebbisiisaniiru.

Giddugalichi sirna bittaafi gurgurtaa ammayyaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa akka qabaatuufi kutaalee qorrisiisaa dabalatee suupper maarkeetiiwwaniifi suuqiiwwan ammayyaa of keessaa qabaachuu ibsameera.

Oomishtootaafi shammattoota kallattiin wal quunnamsiisuun giddu seentummaa qaama sadaffaa ni hambisas jedhameera.

Salamoon Yittaayyawutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment