Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018 (FMC) – Abbaan Taa’itaa Miidiyaalee Itiyophiyaa aangoo labsiin kennameef bu’uureffachuun dandeettii miidiyaalee biyyattii guddisuuf Giddugalli Ga’umsa Miidiyaa hundeesse ifatti hojii eegaleera.
Sirna eegalchiisa Giddugalichaa irratti Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasee Caafoo akka dubbatanitti, ga’ee midiyaaleen dhimmoota nagaa, dinagdee fi buchiinsa gaarii irratti odeeffannoo wayitaawaa fi sirrii ta’e dhiyeessuuf qaban olaanaa dha.
Miidiyaaleen guddina hawaasummaa keessattis ga’ee taphachuun guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuf ittigaafatamummaa isanii ba’uu qabus jedhan.
Giddugalli ga’umsa miidiyaa hojii eegales bu’aa Itiyoophiyaa kabajchiisuu kan danda’u ta’uu irra darbee miidiyaan uummata akka qaqqabuuf ga’ee guddaa akka qabaatu kaasaniiru.
Gorsaan dhimmoota hawaasummaa Ministira Muummee Diyaaqoon Daani’eel Kibirat gama isaaniin, miidiyaaleen Itiyoophiyaa keessa jiran bu’aa biyyaalessaa, tokkummaa sabdaneessuummaa, seenessa waloo fi badhaadhina Itiyoophiyaa karaa mirkaneessuun hojjechuu akka qaban dubbatan.
Miidiyaaleen Itiyoophiyaa dhimmoota arfan kana irratti waliigaltee fi tokkummaa qabaachuu akka qabanii fi bu’uura guddina miidiyaa akka ta’anis ibsanii, giddugalichi bu’uuraalee kanneen guddisuu haala danda’uun hundeeffamuu isaa ibsaniiru.
Giddugalli Ga’umsa Miidiyaa kun miidiyaaleen hojii ijaarsa dandeettii hojjechuun bu’aa biyyaalessaa giddugala godhatanii akka hojjetan kan dandeessisu ta’uus dubbatan.
Kana malees gama bu’aa biyyaalessaa eegsisuu fi seenessa waloo biyyaalessaa bocuutiin ga’ee isaanii ba’uuf humna isaanii guutuu akka fayyadaman kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Saganticha irratti Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, Pirezidaantii Yuuniivarsiitii Finfinnee Dooktar Saamu’eel Kifilee fi Daayreektera Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyhaa Saamsoon Makonnin dabalatee hoggantoonni miidiyaalee fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.