Finfinnee, Caamsaa 15, 2017(FMC) – Giddugalli Interpirinarshiippiifi Innooveeshinii Raayyaa Ittisaa hundaa’uun dandeettii hojii uumuu raayyichaa kan guddisu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Injinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Injinar Ayishaan hundeeffama giddugalichaa ilaalchisee haasawaa taasisaniin, giddugalichi kalaqa miseensota raayyichaa kan guddisuufi guddinaafi misooma biyyaaf dandeettii guddaa akka ta’aniif carraa kan mijeessu ta’uu eeraniiru.
Giddugalichi hundaa’uun tajaajila miseensonni raayyaa ittisaa gumaachaniifi wareegama kaffalaniif deebiifi beekamtii kennuuf ta’uus himaniiru.
Kana malees giddugalichi miseensonni raayyichaa loltummaan booda hojiilee haaraa uumuun biyya isaanii akka ijaaran, maatii isaanii akka gargaaraniifi lammii oomishu akka ta’an kan dandeessisu jedhaniiru.
Hundeeffamni guddugala kanaa jaalalaafi kabaja raayyaa keenyaaf qabnu gochaan kan agarsiise kan jedhan Injinar Ayishaan, dhaabbileen Mootummaafi dhuunfaa milkaa’ina isaaf gahee isaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Masaafint Iyyaayyuutu gabaase.