Giddugalli Wal’aansa Olaanaa Hospitaala Yaadannoo Zawdituu sadarkaa idil-addunyaa kan eeggatedha- Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen Giddugalli Wal’aansa Olaanaa Hospitaala Yaadannoo Zawdituu qulqullina sadarkaa idil-addunyaa haala eeggateen ijaaramuun kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyaa kennuu kan dandeessisudha jedhan.

Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, har’a eebbisiisnee hojii kan eegalchiisne Giddugalli Wal’aansa Olaanaa Hospitaala Yaadannoo Zawdituu qulqullina sadarkaa idil-addunyaa haala eeggateen ijaaramuun kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyaa kennuu kan dandeessisudha jedhaniiru.

Giddugalichi tajaajiloota wal’aansa carallaa, MRI, CT-Scanfi X-Ray, Kutaalee wal’aansa cimaa daa’immaniifi gaheessotaa(ICU), Oomisha Ooksiijiinii, sireewwan VIP, kutaalee OPD, kutaalee baqaqsanii yaaluu fi dandamannaa, kutaalee ciisicha wal’aansa hatattamaa, faarmaasiiwwaniifi man-kuusaa qorichaa, laaboraatoorii, biiroowwan bulchiinsaa, kutaalee nyaanni itti bilchaatu, kaafteeriyaa, galma walga’ii fi tajaajiloota biroo kan hammatu ta’uu eeraniiru.

Qaamolee giddugalichi tajaajilaaf akka gahu qooda isaanii bahatan galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment