Giddugaloonni baadiyyaa pilaaniin ijaaraman misooma waaraa magaalaaf utubaadha- Aadde Caaltuu Saaanii

Finfinnee, Mudde 21, 2018 (FMC) – Giddugaloonni baadiyyaa pilaaniin ijaaraman misooma waaraa magaalaaf utubaadha jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaaniin.

Waltajjiin sosochii misooma qindaa’aa Giddugaloota Baadiyyaa naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa magaalaa Hoosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.

Aadde Caaltuu Saaniin wayita kana giddugaloonni baadiyyaa pilaaniin ijaaraman misooma waaraa magaalaaf utubaadha jedhan.

Ijaarsa daandii dhiyeessii manneen jireenyaa baadiyyaa waliin walsimsuun, dandeettii ogeeyyii guddisuuniifi hojimaata qindaa’aa uumuun ce’umsa baadiyyaa saffisiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan magaalotatti dhiyeessii manneen jireenyaa waliingahuuf tattaaffii taasisaa akka jiru eeraniiru.

Itiyoophiyaatti dhimma manneen jireenyaa baadiyyaaf xiyyeeffannoon gahaan kan hin kennamne ta’uu kaasanii, hojiileen bu’uuraalee misoomaa guutuu biyyattiitti hojjetaman badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu qabu jedhan.

Sadarkaa Pirezidaantii Itti aanaa Mootummaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Kilaastara Indaastirii Sintaayyahu Waldamikaa’el gamasaaniin, sosochiin misooma qindaa’aa giddugaloota baadiyyaa galma qabameef akka milkeessuuf walitti hidhamiinsa uumuufi misooma manneenii bu’uuraalee misoomaa daandii waliin walsimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Beezaawwit Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment