Giddugaloonni tursaa Maariyyee jaldeessaa 100 ol qophaa’an

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2017 (FMC) – Akka Itiyoophiyaatti Giddugaloonni tursa Maariyyee jaldeessaa 100 ol qophaa’e jedhe Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa.

Naannolee hundaa fi bulchiinsota magaalaa 2 keessati dhibee Maariyyee Jaldeessaa to’achuuf kan danddeessisu qophiin duraa taasifamuu Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti qindeessaan dhibichaa Miikiyaas Alaayyuun Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti himaniiru.

Giddugalli tursaa qophaa’uun dhibichi akka hin babal’anne salphaatti to’achuuf kan dandeessisu ta’uu eeran.

Gareen deebii laataa saffisaa hundaa’uun hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jira jedhan.

Dhimmoota dhibichaan walqabatan karaa sararoota bilbilaa bilisaa 8335 fi 952 irratti odeeffannoo fi eeruu kennuun akka danda’amu dubbatan.

Erga dhibeen Maariyyee Jaldeessaa Itiyoophiyaatti mul’atee hanga ammaatti namoonni 24 irratti dhibichi mul’achuu mirkaa’eera jedhan Mikiyaas.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment