Finfinnee, Mudde 1, 2018 (FMC) – Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan UNESCOtti galmaa’uun Itiyoophiyaa fi Ummata Walaayittaaf hiikoo addaa qaba jedhan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaan.
Yaa’ii 20ffaa Koree Eegumsa Hambaalee Kiliyaa Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii Hindi Niwuu Deelhiitti gaggeeffamaa jiruun Ayyaanni bara haaraa Walaayittaa Giifaataan hambaa kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’eera.
Kana hordofee ergaa baga gammaddanii kan dabarsan Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawiiti Kaasan, ayyaanichi UNESCOn beekamtii argachuun Itiyoophiyaa fi Ummata Walaayittaaf hiikoo addaa qaba jedhan.
Mootummaan Itiyoophiyaan duudhaalee fi aadaa Giifaataa barnootaa fi miidiyaan beeksisuuf xiyyeeffannoo olaanaa kennuu himan.
Ayyaanni Giifaataa duudhaa fi safuu isaa eegee dhalootaa dhalootaatti akka darbu mootummaan murannoo qabaachuu kaasan.
Soosinnaa Alamaayehutiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.