Finfinnee, Onkoloolessa 16, 2019 (FMC)- Eembaasiin Itiyoophiyaa Jibuutiitti argamu Dhaabbata Godaansaa Idil-addunyaa waliin ta’uun godaantota seeraan alaa 35 Jibuutiirraa gara Itiyoophiyaa deebiseera.
Eembaasichi miidiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti, miidhaa godaansa seeraan alaa irratti lammiileef irra deddeebiin odeeffannoo kennaa akka ture yaadachiiseera.
Haa ta’u malee yeroo ammaa kanas sosochiiwwan godaansa seeraan alaa jiraachuu eeruun, qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun hojii godaantota seeraan alaa gara biyyaatti deebisuu cimsee akka itti fufu ibseera.
Lammiileen filmaatawwan godaansaa seera qabeessa hordofuun ofii isaanii, maatiifi hawaasa miidhaarraa akka eegan Eembaasichi waamicha dhiyeesseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa