Finfinnee, Adoolessa 14, 2017 (FMC) – Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Arii aanaa Kibba Aariitti balaa sigiga lafaa mudateen maatii tokko keessaa lubbuun namoota 5darbe.
Haatii fi Abbaan ilmaani isaanii 3 waliin lubbuun darbuutu himame.
Rooba cimaa guyyaa kaleessaa roobeen balaan kun mudachuu Poolisii naannichaatti Daayirekterri hariiroo ummataa Itti Aanaan Komaandaraa Ashannaafii Hayileen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Balaan mudate qabeenyarras miidhaa qaqqabsiisuu fi jiraattoota 200 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqisuu eeran.
Pireezidaantiin naannichaa obbo Xilahuun Kabbadaan balaa cimaa mudateef gaddi itti dhagahamuu ibsuun maatii fi firoottan miidhamtootaaf jajjabina hawwaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.