Godina Arsii Lixaatti duulli dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2017 (FMC)- Godina Arsii Lixaatti duulli dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa eegalameera.

Godinichatti guyyaa har’aa biqiltuun akaakuu garaagaraa kumni100 fi kumni 20 akka dhaabaman himameera.

Sagantaa kanarratti Bulchaan Godinichaa obbo Ahimad Hajjii miidhaa hongeen lafarraan gahu hambisuuf dhaabbiin biqiltuu jabaatee itti fufa jedhan.

Godinichatti bara kana biqiltuun miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 80 kan dhaabaman ta’uus ibsameera.

Geetaachoo Mul’ataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment