Finfinnee, Hagayya 24, 2018(FMC)- Godina Arsii Lixaatti qonna gannaa bara kanaan callaa kuntaala miliyoona 22 ol argachuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.
Qonna gannaatiin lafa heektaara kuma 500 fi kuma 35 ol midhaan akaakuu garagaraan uwwifamee misoomaa jiru irraa callaa kuntaala miliyoona 22 ol argachuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu Waajjira Qonnaa Godinichaatti Abbaan Adeemsa Misooma Midhaanii Obbo Abdullaxiif Kadiir FMCtti himaiiru.
Lafa qonna gannaan midhaan gosa garagaraan uwwifame keessaas %80 ol kilaasteraan kan misoome ta’uu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti mala kilaasteraan fayyadamuun kun salphaatti midhaan kunuunfamuun oomisha karoorfame milkeessuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.
Qonnaan bultootni godinichaa Aanaa Gadab Hasaasaas oomisha eegamu milkeessuuf callaa mala aadaa fi ammayyaatiin kunuunsaa jiraachuu himaniru.
Kilaastaraan misoomsuu erga eegallee sanyii walfakkaatu facaasuun kunuunsa isaa irrattis tumsaan hojjataa jirraa kaasan.
Mala oomishaa makaanaayzeeshinii qonnaa guutuutti fayyadamuun hojjechuunis callaa gaarii akka argatan abdii qaban ibsaniiru.
Qonnaan bultootni hanga midhaan ga’ee sassaabamutti kunuunsa isaa cimsuun callaa gaarii argachuuf carraaquu akka qaban Obbo Abdullaxiif hubachiisaniru.
Lammaa Tasfaayeetuu gabaase
#Oromia #Ethiopia