Finfinnee, Adoolessa 24, 2017 (FMC)- Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Mattuutti duulli guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 700 dhaabuu gaggeeffamaa jira.
Dhaabbii biqiltuu kanarratti Bulchaa godina Iluu Abbaa Boor dabalatee hoggantoota godinaa, aanaale fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamaniiru.
Bulchaan godinichaa Indaalkaachoo Tafariin, Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa hojirra oolchaa jirtuun bu’aa guddaa galmeessaa jiraachuu ibsuun, balaafi miidhaa jijjiirama qabeenya qilleensaatiin dhufuu dursanii ittisuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo akeekameef akka ooluuf kunuunsi itti fufiinsa qabu murteessaa ta’uu himaniiru.
Godinichatti aanaalee garaagaraa keessatti guyyaa har’aa biqiltuuwwan miliiyoonni 22.7 ni dhaabamu jedhameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.