Godina Iluu Abbaa Booritti oomishni inisheetivii misooma baala shaayee gabaaf dhiyaachuu eegale

Finfinnee, Sadaasa 6, 2018 (FMC)- Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Mattuutti oomishni inisheetivii misooma baala shaayee gabaaf dhiyaachuu eegaleera.

Godinichatti oomishni baala shaayee Aanaa Mattuu kilaasteera Madeetti misoomaa jiru sassaabamee warshaa baala shaayee Gumaroof dhiyaachuu jalqabeera.

Hoggantuun Biiroo Paabilik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Aadde Kokoobee Diidhaa, Iniisheetiviin misooma baala shaayee godinichatti misoomaa jiru bu’aa buusee gabaaf dhiyaachuun, misoomicha babal’isuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Bulchaan Godinichaa obbo Indaalkaachoo Tafarii gama isaaniin, godinichatti misooma baala shaayeef xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu himanii, yeroo ammaa kana bu’aa buusee gabaaf dhiyaachaa jira jedhan.

Tsahaay Gulummaatiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment