Finfinnee, Waxabajjii 22, 2017 (FMC)- Godina Jimmaa Aanaa limmuu kossaatti projektoonni misoomaa garaagaraa eebbifamuun tajaajilaaf banamaniiru.
Pirojektoonni kunneen bakka Paartii Badhaadhina Oromiyaatti itti Gaafatamaan Damee siyaasaa obbo Namarraa Bulii argamanitti eebbifamaniiru.
Pirojektoonni eebbifamanis, Mana barumsaa Bultii addaa, Buufata Konkolaataa fi daandii keessoo Keessoo dabalatee Bu’uraaleen misoomaa garagaraa hirmaanna hawaasaa fi baajata mootummaa Birrii miliyoona 300 oliin ijaaraman ta’uun ibsameera.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaani Naasir bara kana godinichatti pirojektoonni kuma 1fi 800 ol Ijaaramanii tajaajilaaf banaa ta’uu dubbataniiru.
.
Obbo Namarraa Buliin gamasaanii, bara kana Naannoo Oromiyaatti pirojektoonni kuma 34 ol Birrii biiliyoona 200’n ijaaramanii tajaajilaaf banaa ta’aa jiraachuu himaniiru.
Bu’uraaleen misoomaa fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan xiyyeeffannoon ni hojjetamuus jedhan.
Bariisaa Hayilamaariyaamitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.