Godina Shakkaa Magaalaa Fideetti Mukti guddaan kufuun lubbuu namoota 7 galaafate

Finfinnee, Bitootessa 4, 2017 (FMC) – Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Shakkaa Magaalaa Fideetti Mukti guddaan kufuun lubbuu namoota 7 galaafachuu ibsame.

Balaan gabaa gidduutti judate kanaan lubbuun namoota 7 yoo darbu namoota 8 irra miidhaan qaamaa gahuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment