Finfinnee, Ebla 15, 2018(FMC)- Godina shawaa Bahaa Aanaa Gumbichuu magaalaa Caffee Doonsaatti Tajaajilli Giddugala Tokkoo Masoob tajaajilaaf banaa ta’eera.
Giddugalli kun tajaajiloota seekteraalee aanichaa 15 fi Bulchiinsa Magaalichaa 54 iddoo tokkotti kan qabate yoo ta’u, baasii Birrii miiliyoona 95 oliin kan ijaarame ta’uu bulchaan aanichaa obbo Masfin Kabbitee dubbataniiru.
Mootummaan uummataaf tajaajila si’ataa, haqa qabeessaafi dhaqqabummaa qabu kennuuf imaammataafi tarsiimoowwan haaraa bocuun diriirsees hojjetaa akka jiru bulchaan godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo sirnicha irratti dubbataniiru.
Tajaajilli hedduun iddoo tokkotti dhufuun abbaan dhimmaas, dhimma isaa iddoo tokkotti argachuun, deddeebiifi dhamaatii maamilaa haalan kan furuufi tajaajila sa’ataafi qaqqabamaa ta’e akka argatan kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Tajaajilli giddugala tokkoo kun walitti dhufeenyaafi wal-amantaa abbaa dhimmaafi mootummaa cimsee al-seerummaa xiqqeessuun, qindoomina seektaroota gidduu jirus kan utubuu ta’uu dubbataniiru.
Wiirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoos, rakkoolee bulchiinsa gaarii kanaan dura turan hiikuufi itti quufinsa kan mirkaneessu jechuun kan dubbatan ammoo jiraattoota aanichaa ti.
Wiirtun kun akka godina Shawaa Bahaatti isa jalqabaa ta’uunis ibsameera.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia