Finfinnee, Amajjii 15, 2017 (FMC) – Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Godina Silxee fi Magaalaa Harariitti balaa Tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 10 darbuu ibsameera.
Godina Silxee Aanaa Hulbaaraag bakka addaa Leefoo jedhamutti Konkolaataan Deddeebisa Ummataa Zaman Baas jedhamu Finfinnee gara Aarbaa Minci imalaa ture Baajaajiirra bahuun lubbuun namoota 8 darbuu ibsameera.
Balaa har’a ganama naannawaa sa’aatii 3:30 mudate kanaan namoonni hedduun miidhaa qaamaaf saaxilamuu ragaan Kominikeeshinii Godinicharraa argame ni mul’isa.
Magaalaa Hararittis balaa tiraafikaa mudateen lubbuun namoota 2 darbeera.
balichi eda halkan sa’aatii 8:00tti mudachuu Poolisiin Naannoo Hararii ibseera.
Balichi konkolaataan fe’umsaa sangaa fe’ee imalaa ture nama dhuunfa Doqdoqqee oofa ture baraaruuf osoo yaaluu garaagaluun miidhaa kana qaqqabsiisuu himameera.
balichaan nama tokkorra ammoo miidhaan cimaan qaqqabeera.