Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti oomishaaleen qonna gannaa mala ammaayyaa fi aadaan qulqullinaan sassaabamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.
Godinaalee 10 keessatti oomishaaleen mala ammaayyaa fi aadaan sassabamaa jiraachuu Daayrekterri misooma midhaanii Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Musxofaa Huseen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Keessattuu akkaatuma haala qilleensaan ammatti godinaalee Shawaa fi Arsii lamaanitti oomishaaleen sassaabamaa akka jiru eeran.
Bara kana kombaayinaroonni 650 ol sassaabbii oomishaaf qophaa’uu dubbatan.
Kombaayinaroonni kunneen nageenyummaa fi ga’umsi isaanii kan mirkanaa’an, akkasumas boba’aan barbaachisu guutamuun qophummaa olaanaan gara sassaabbitti galuu himan.
Oomishaaleen akka xaafii, Boqqoolloo, Boloqqee fi Qamadiin sassaabbamaa jiraachuu kaasan.
Rooba waqtii hin eegne mudachu maluun Oomishaaleen akka hin mancaaneef caasaaleen sadarkaan jiru oomishaalee dursi kannamuufii qaburratti xiyyeeffachuun bifa qindoomina qabuun sassaabbii oomishaarratti hubannoo fi deeggarsa barbaachisu kennaa jiraachuu dubbatan.
Hanga danda’ametti mancaatii oomishaalee hambisuu fi qulqullina barbaadamuun akka sassaabamuuf hojjetamaa jira jedhan.
Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18 lafa hektaara miiliyoona 11 ol sanyiin uwwifamerraa callaa kuntaalli miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 38 ol kan eegamu ta’uu obbo Musxofaan dubbataniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.