Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Godinaalee oomishaaleen sassaabbiif hin geenyetti hojiin kunuunsaa fi eegumsa midhaanii hojjetamaa jira jedhe Biiroon Qonnaa Oromiyaa.
Yeroo ammaa dhimmoota sadirratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrekterri misooma midhaanii obbo Musxofaa Huseen Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Godinaalee oomishaaleen sassaabbiif hin geenyetti hojiin kunuunsaa fi eegumsa akkasuma Godinaalee dursa facaasanitti ammoo hojiin sassaabbii midhaanii akkaataa mancaatirraa bilisa ta’een gaggeeffamaa jiraachuu dubbatan.
Bakka sassaabiin oomishaa raawwateetti ammoo hojiin qophii misooma Qamadii bonee hojjetamaa akka jiru eeran.
Naannoo Oromiyaa naannawaa Sulula Qiinxamaa keessatti hojiin Simbirroo Girrisaa dursanii ittisuu hojjetamuu ibsan.
Bara kana Godina Harargee Bahaa aanaa Baabbilee, Shawaa Bahaa Aanaalee Dugdaa fi Booraatti ka’umsi Simbirroo Girrisaa mul’achuu kaasanii, battalumatti dhabamsiifamuu himan.
Raammolee fi Ilbiisoota haala qilleensaa bu’uura godhachuun midhaan miidhuu danda’an ittisuuf dhiyeessiin farra Ilbiisootaa fi dhibee gahaan waan jiraniif hojiin dursanii ittisuu qophaa’ummaa olaanaan hojjetamaa jiraachuu dubbatan obbo Musxofaan.
Waliigalaan bara kana taatee oomishtummaa midhaanii hir’isuu danda’an kamiiyyuu dursanii ittisuun danda’amuu himan.
Ammas godinaalee garaagaraatti oomishni sadarkaa guddinaa adda addaarra waan jiraaniif dhibee fi weeraroota ka’uu danda’an dursanii to’achuuf hojiin hordoffii fi deeggarsaa itti fufiinsaan taasifamaa jiraachuu eeran.
Hanga sassaabbiin xumuramutti qonnaan bultoonni eegumsaa fi kunuunsa midhaaniif barbaachisu akka taasisan obbo Musxofaan dhaamaniiru.
Akkasuma qonnaan bultoonni rakkoon isaan mudatu yoo jiraate 8028 irratti bilbiluun iddoo kamittuu deeggarsa ogummaa fi dhiyeessii argachuu kan danda’an ta’uu hubachiisan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.