Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC)- Godina Booranaatti aadaa hojii jijjiiruun hongee hambisuun danda’ame jedhe Bulchinsi godinichaa.
Godinichatti aadaa hojii jijjiiruun hongee hambisuun danda’amuu Bulchaan godinichaa obbo Abdusalaam Waariyoo dubbataniiru.
Godinichaatti bara kana lafti heektaarri kuma 100 fi kumni 35 misoomuus himaniiru.
Oomisha kuntaala miiliyoona 1.9 argachuuf karoorfamuus ibsaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan Godina Booranaatti hojii misooma qamadii daawwachaa jiru.
Daawwannicharratti Pireezidaanti Shimallis dabalatee Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa, Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa fi qondaaltoonni olaanoo biroon argamaniiru.
Midhaagsaa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.