Finfinnee, Bitootessa 1, 2018 (FMC) – Godina Baaleetti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 11 darbuun ibsameera.
Konkolaataan deddebisaa uummataa Godina Baalee Aanaa Barbaree irraa imaltoota fe’atee gara Magaalaa Roobee deemaa ture Aanaa Goobbaa Ganda Waachoo Mishirigeetti kufuun balaa kana qaqqabsiisuu ragaan Komishinii Poolisii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Namoonni miidhaan qaamaa irra ga’e ammoo gara Hospitaalaa Rifaraalaa Goobbaatti yaalama jiraachuu fi sababni balaa kanaa qorannoon gaggeeffamaa akka jiru Itti Gaafatamaan Kutaa Nageenya Tiraafikaa Godina Baalee Itti Aanaa Inispeektara Sisaay Tulluu ibsaniiru.