Finfinnee, Caamsaa 26. 2017(FMC) – Godina Jimmaatti biqiltuun baala shaayee miliyoonni 58 fi kumni 700 ol lafa heektaara kuma sadii irratti dhaabamee kunuunfamaa jira jedhe waajjirri Qonnaa Godina Jimma.
Bara dhufuufis buufataalee biqiltuu 225 irratti biqiltuuwwan miliyoonni 45 kunuunfamuun dhaabbiif qophaa’uu Itti gaafatamaan waajjirichaa Tijjaanii Tamaam himaniiru.
Akka godina Jimmaatti dhaabbiin baala shaayee erga eegalame waggaa afur guutuu kan dubbatan Ittii gaafatamaan waajjirichaa, kunuunsa isaa irratti qonnaan bultootni hirmaachaa jiru jedhan.
Kanaan walqabatees aadaan hojii hawaasichaa fooyya’aa dhufuu obbo Tijjaaniin dubbataniiru.
Abdurramaan Mohaammadiin