Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Godina Arsii Lixaatti lafa hektaara kuma 100 fi kuma 47 ol irratti jallisii bonaan Qamadii misoomsuuf facaasaan eegaleera.
Godinichatti lafa hektaara kuma 100 fi kuma 47fi 500 irratti jallisii bonaan aanaalee godinichaa sagal keessatti qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.
Qonni kaleessaa rooba qofa irratti hirkatee ture yeroo ammaa jallisii bonaatiin deeggaramuun bu’aan jajjabeessaan argamaa jira jedhan Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Dooktar Abdullahii Beekaan.
Aanaa Nageellee Arsiittis barana hojiileen qonnaa bal’inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, oomisha gannaa cinatti bonas jallisiidhaan lafa hektaara kuma 35fi 500 ol irratti gandoota aanichaa shan keessatti jallisiidhaan qamadii misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu bulchaan aanichaa obbo Ganamoo Bariisoo himan.
Olyaad Ahmadiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.