Godinichatti galiin karoorfame % 83 ol walitti qabame

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2017 (FMC) – Waajjirri Galii Godina Arsii galii bara kana walitti qabuuf karoorfadhe keessaa %83 kan caalu walitti qabeera jedhe.
Waajjirichi bara kana galii birrii biliyoona 6 fi miliyoona 400 ol walittin qaba jedhee akka karoorfate Itti Gaafatamtuu Waajjirichaa  Aaddee Zamzam Shaallootu dubbate.
Raawwii hanga Ammaatti jiruunis Qarshii Biiliyoona 5.3 oli walitti qabuu danda’uu Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti himaniiru.
Kunis karooricha irraa % 83.77 kan ta’uu dha.
Galii kana karaa qindoomina qabuun maddoota galii hundatti waan fayyadamneef hangas raawwannes jedhan.
Galiin hundi qisaasa irraa karaa bilisa ta’een bu’ura walii galtee Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa fi Dhaabbata “Ethio telekom’n” teelee birriin walitti qabmuus kaasan.
Raawwii bara darbee yeroo walfakaataa irra birrii biliyoona 1.9’n caalmaa qabas jedhan.
 Abdallaa Amaantu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
 Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Comments (0)
Add Comment