Finfinnee, Adoolessa 15, 2017 (FMC)- Godina Shawaa Lixaatti qonna gannaan hanga ammaatti lafti heektarri kumni 700 fi kumni 16 sanyiin uwwifameera jedhe Waajjirri Qonna Godinichaa.
Godinichatti qonna gannaan lafa heektaara kumaa 800 fi kuma 86 qotuuf karoorfamee lafti heektarri kuma 800 fi kuma 89 karooraan ol qotamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonna Godinichaa obbo Tarrafaa Araarsaan Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.
Hanga ammaatti lafti heektarri kuma 700 fi kumni 16 sanyii gosa adda addaan uwwifamuu dubbataniiru.
Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaa dabaluuf inisheetivoonni guguddoo 11 misoomaa jiraachuus ibsaniiru.
Akkasumas karoora qabame keessaa %80 kilaasteraan facaasuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Sanyii filatamaa kuntaala kuma 39 dhiyeessuuf karoorfamee kuntaalli kuma 19 ol dhiyaachuun qonnaan bultootaaf raabsamuu himan.
Callaa guddistuu kuntaala kuma 900 dhiyeessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kuma 700 fi kuma 14 ol dhiyaachuu ibsuun,kana keessa kuntaalli kuma 600 fi kuma 27 qonnaan bultootaaf raabsameera jedhan.
Karoora qabamee milkeessuuf tattaaffii olaanaan hojjetamaa jiraachuus obbo Tarrafaan dubbataniiru.
Tsahaay Gulummaatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.